Lafa socoosani, Tunis jagna ta’e

Wantisaa cimadhaa, hinhordoofaa kaniis,

Cimele qabatus , fixa sida sanii,

Kan sanas gayera, kufun walumani,

Kan duris dadhabee , gadlakisuf ta’e piramida saani,

Sochin lafaa akasi, garmalee cimadha,

Kuno me'ilala, dhisee kufu sati kan qabu badhadhaa,

Lafa socosani, kan qabnu tokuma,

Sireen sosoco’e, kenyawo walalee wanna godhu akuma,

Cisnee dhagefanu, mani nutaa jiguu,

Nu hagalafatu, dini dabalame nura hadidigu,

Banee habaqanu, bineensi nuhanyatu,

Humnawo hinqabnu, tanewo walaltu,

Jarati dhamanaa , hadhisan socosu

Mani nuti jiga, nuti hinqophofne kanbira yoo dhisnee baqachuuf amasu,

Yo nuti qorelee manum cisu waya,

Qopheesinee hinjiiru, yo gadi banelee kan ufanu waya,

Yokin sera demna, aka nuu dhabani sosocosu kana,

Amaas iti himna, gadile bawudhaf hinqabnu kafana,

Ha'egan hundumtu, hama qophofnuti,

Maali jarjarsi kun, hinum qaqabawo gara fundurati,

Suta jedha jedhiin nuti kana hinbeknu,

Figa dhera malee, gagababdu hinfenu

Itiis himo hinbaree Oromoon hindinu,

Isaaf qophawudhaf xino wal sukumna,

Sarbaan nu jabatee yonasu qaqabna,

Lafa socosani, olaan gara ollii,

Amaas me hajenu lakii dubiin bulii,

Maliif akan tanee, du’a cifnee egna

Hama salphinatin qanofnu waal fana

Yomuma nuf guta ta’udhaf olana,

Homa nuf hinta’u, hama took tanee,

Wal tufachu dhisnee, kan qabnu hirmanee,

Yada walgeedarree, harka wal qabanee,

Humna guda tana, qilensi yo dhufes, lolan yo baya’tees,

Aka nutol gona, kan sosocou kunis,

Eesaa Jirtaa Oromiya?

by admin Email

Esa jirta  Oromia, Hadha beeka meqaa

Kan hunda qabatee, sorumadhumkenlee qabda guda boqaa,

Bontu baredditii kan iji calalaqaa

Jijifitu lafa, omishtu bishaanii hundumafu burqa,

Ormilee walalu ke dubachu maqa,

Korominkee jirti sidhufudhaf gesee, jirti kara soqa,

Jabadhu hinko’omiin, hinuma sidarba,

Harkaa nama galtee, akaam tata garba,

Kan kana calisu, faya ta’a lataa,

Soqut dhibe malee akamin fudhataa?

Esa  jirta Oromia, fagomoo dhiyodha,

Dafani si’arguf, ijoleen kee hunda hinum qabu fedha

Fardiso dhabamee , hinum iti cimee ijarsi karadha,

Lafti dhaga ta’e, garbisa bal’atee,

Meshan jala dhumee, humnis qaqalatee,

Hinum iti bu’u , qamnis dadadhabee, jilbis hoholatee,

Me mala iti himi ya gifti Oromia, hadha koromaani,

Mesha ke gad basi, kara iti ibsi sif haqaqabani,

Aka iti hincimnee, kara aka walla’lee bayatee dukani

Bishaniis dakani, qilensas yabani, yadas qaratani,

Jabadhu jabadhu, hinum siqaqabu, hinturtu rakooni,

Esa jirta Oromia, hadha gara bal’a

Desitu kan hunda , kan beka walala,

Jagnafis luknafis kan kenitu jalala,

Qal’as oto hinhirin, kan garas qalqala,

Dhufa jiru hundu, sibasuf rakodha,

Iduma jirani , dhiyodhas fogodha,

Iti dhangala’u, ena karan ifeef,

Namalee hinkadhatan , gargarsa argachudhaf

Irreensani hinga’a , ena kutatani, rakokee baranii,

Kanbira yo bade sibasu humnani,

Abdadhu Oromia gara hinkutatini.