Homa garatu nadidee, qorra iti baruun dadhabee
Lafo demus nafagatee, fardikoos nadanabee,
Karansa fagoo ta’e, kopha demunis hintolu,
Asuma t’en calqabee, akuma jara dololu,
Kun ega maal bareeda, gurisoo hindhagawu
Mal gota egaa yagara, us jedhi dubin habubulawu,
Wa meqa hawitee dandesa, kan humna keti olii,
Cal jedhi gadi ta’i, ama yaro sa miti kan iyafatu namni wali,
Manas nan’ijara jete, olif gad uutaltee,
Dabo basu nidandenyee, nama wamtee filatee,
Barri kan amaa kuni, aka jabana setee,
Gedaramni adaa , aka jiru hiranfatee,
Ta’iti qabanayi, hundu qaba rakosaa,
Humnakee kukufadhu, siif hakenu iresaa,
Maal yagarakoo, sumatileen himadha,
Fafakesusa nandhisa, nadhagayiko fedha,
Otoo sila nata’e, sumatu naaqaqaba,dafeen dhufas nanjeta,
Sicininamo, siwarana, enan si’abdadhu malif nara fagata,
Laki laki garako, dafiti naqaqabii, nahimi rakokelee,
Harkif mili yo sididan, nadhagesisi sagalee,
Namni gara malee hinjiratu akamn danda’a kana,
Oneenkoos qoqophayera demudhaf isuma fana,
Me nahimame jama dhagesanitu wan akana,
Sinilee me nagargara naa debisa garako,
Jabesetan barbada wan xiqo nata’u irko,
Sinifan qaqaba anis, gafa singanee garan,
Nan godha wan barbachisu, aka debi’u malan,
Gafa garanko debi’e, onenko naf jabatee,
Jabileen naf horani ena qeyen naf gutee,
Nandhiyesa wan hunda marqa gutu gabatee,
Wali hinganu ya jolishee, koromi Oromodha,
Iduma ta’eti ibsa dhugaf walqixuma iyafadha.
Oromiyan na'egdi
by admin
Oromiyan na’egdi, deemu kooti susukaa,
Wanbiratiin adeemuf hooma nqabuu oof harkaa,
Maltatee ya namichoo, ma walaltee sadarkaa,
Nanjedhaani namoonii, maal godhu anoo walalee,
Iyachuwoo dadhabee , hinqabuwoo sagalee,
Silas maal mayii qaba, nanbirmatu ormilee,
Madanko iti hin mul’atu, namniis Oromia hinbeeku,
Homa hahafu hundinu, ani itan fufa susuku,
Oromiyan na’egdi, hamamitaan ta’e yada,
Otoon humna qabadhee, asuman ishi fida,
Malan barbada jedhee nama meqan sagada,
Karan nati dheratee, namni nabulcha lata,
Wanti harmee galeefii, yo argamee, nafudhatee kan qabu konkolata,
Karakora otoo hindabsin, akaan dafee qaqabu, wanta’u nafakata,
Debisees offin shaka, binensi wayi yo dhufee hinum nabutata,
Ishiis yadee karas yadee hundisawo narasee,
Ta’e egunis nancibsu, jirenyis homa fokisee,
Hadhufu wanti fe’e , kara cabee hayasu,
Kana cala hindandenyee , argudhafilee fagesuu,
Walaluman naqabatee idum ta’een nageesu,
Binensis hananyatu dukanis na janjesu,
Oromiyan na’egdi, hinbowu asuma ta’e, hinlakawu halkani,
Hinabdadu, hingafadhus aka nafudhatan jarani,
Wallaalako gowumakoo siin malee maltu najira,
Yon barbadee sin dhisudhaf sin basudhaf ofira,
Maltu nanyata lata enan dabee karara,
Gamnumano nagatee, bekumsiwo najibee
Sodano naqabatee nademsisa jilbibee,
Susuka nadhowudhaf, kara nacufa jedhani,
Aniwo nama ntuqnee bawu dadhabee malani,
Ya dhuga esa jirta, me atilee nagargarii,
Sin egadha sinabdadha dafi nagayi bararii,
Nara dhowi jara kana susukulee nadhowani,
U u n jedha nanwamadha aka naqabu olaani,
Hamilees naf ergisi akan bafadhu afaani,
Kan galufiti nan’iyadha, nadabarsaan jedhaani,
Oromiyan na’egdi, nama harka galtetii,
Abdachunshi hinahafu, ijoleshi hundatii,
Itaan fufa nansusuka, yon hafelee karatii