Eesaa Jirtaa Oromiya?

by admin Email

Esa jirta  Oromia, Hadha beeka meqaa

Kan hunda qabatee, sorumadhumkenlee qabda guda boqaa,

Bontu baredditii kan iji calalaqaa

Jijifitu lafa, omishtu bishaanii hundumafu burqa,

Ormilee walalu ke dubachu maqa,

Korominkee jirti sidhufudhaf gesee, jirti kara soqa,

Jabadhu hinko’omiin, hinuma sidarba,

Harkaa nama galtee, akaam tata garba,

Kan kana calisu, faya ta’a lataa,

Soqut dhibe malee akamin fudhataa?

Esa  jirta Oromia, fagomoo dhiyodha,

Dafani si’arguf, ijoleen kee hunda hinum qabu fedha

Fardiso dhabamee , hinum iti cimee ijarsi karadha,

Lafti dhaga ta’e, garbisa bal’atee,

Meshan jala dhumee, humnis qaqalatee,

Hinum iti bu’u , qamnis dadadhabee, jilbis hoholatee,

Me mala iti himi ya gifti Oromia, hadha koromaani,

Mesha ke gad basi, kara iti ibsi sif haqaqabani,

Aka iti hincimnee, kara aka walla’lee bayatee dukani

Bishaniis dakani, qilensas yabani, yadas qaratani,

Jabadhu jabadhu, hinum siqaqabu, hinturtu rakooni,

Esa jirta Oromia, hadha gara bal’a

Desitu kan hunda , kan beka walala,

Jagnafis luknafis kan kenitu jalala,

Qal’as oto hinhirin, kan garas qalqala,

Dhufa jiru hundu, sibasuf rakodha,

Iduma jirani , dhiyodhas fogodha,

Iti dhangala’u, ena karan ifeef,

Namalee hinkadhatan , gargarsa argachudhaf

Irreensani hinga’a , ena kutatani, rakokee baranii,

Kanbira yo bade sibasu humnani,

Abdadhu Oromia gara hinkutatini.